Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii Nageenya mirkaneessuuf taasiifamu keessatti seeraa baaftoonni itti gaafatamummaa isaanii akka bahan gafatame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Tattaaffii Nageenya mirkaneessuuf taasiifamu keessatti seeraa baaftoonni itti gaafatamummaa isaanii akka bahan Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon gafatan.

Yaa’iin Waloo Waggaa jalqabaa Af Yaa’iiwwan Manneen Maree Federaalaa fi naannolee magaalaa Jimmaatti gaggeeffama jira.

Yaa’ichi manneen mare kanneen gidduutti muuxxannoo waliif qooduf ta’uu obbo Taaggaseen ibsaniiru.

Marii biyyaallessaan nageenya waaraa mirkannessuun xiyyeeffannoo bara kanaa ta’uu eeraniiru.

Kanaafis mannneen maree shoora olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahman gamaa isaaniin ,Nageenyaa biyyaa mirkanneessuuf qaamolee seeraa baasan muxxannoo waljijjiruu akka qaban ibsaniiru.

Waltajjiin kunis muuxxannoo waljijjiiruuf qaama tokko ta’uu kaasaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.