Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin Diijitaalaa hunda hammataa fi walga’uu akka qabu Preezdaant Saahilawarq waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Teeknooloojiin Diijitaalaa hunda hammataa fi walga’uu akka danda’u biyyoonni cimanii akka hojjetan Preezdaant Saahilawarq waamicha dhiyeessaniiru.
Mariin ‘Hammattummaa Diijitaalarratti’ xiyyeeffate intarneetiin gaggeeffameera.
Waltajjicha haasawaan kan banan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen kutaan addunyaa walakkaan Teeknooloojii Diijitaalaa ala ta’uun isaanii nama gaddisiisa jedhan.
Teeknooloojii Diijitaala hunda hammatee fi hunda uwwisu taasiisuuf biyyoonni cimanii hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa hammattummaa Diijitaalaa hojiitti hiikuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Kana dhugoomsuuf Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii fi to’annoo Teelee Komiiniikeeshiinii Biyyaalessaa hundaa’uu ibsaniiru.
Kaayyoon qophii kanaas dubartoonni, daa’immaan, qaama miidhamtoonnii fi kutaan hawaasaa humna hin qabne damicharraa fayyadamoo akka ta’an taasiisuufi jedhan.
Marii ‘Imala gara Diijitaala hammataa haaraatti’ jedhuun qophaa’eerratti hoggantoonni mootummaa, itti gaafatamtoonni dhaabbileen idil addunyaa fi ogeeyyiin teeknooloojii biyyoota garaagaraa hirmaataniiru.
Konfaransii misooma Teeleekoomii Idil Addunyaa bara dhufu Ityoophiyaan kan qopheessitu yoo ta’u, hojiileen qophii duraa hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.