Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin sakandii kudhanitti ilkaan qulqulleessu ifoome

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Teeknooloojiin sakandii kudhanitti ilkaan qulqulleessu ifoome.

Waggaa darbe dhaabbanni oomisha Y-Brush jedhamu rigaa ilkaanii adda ta’e oomisha haaraa akka oomishu ibsee ture.

Dhaabbanni kun akkaatuma waadaa galeen teeknooloojii ajaa’ibaa sakandii 10 keessatti ilkaan qulqulleesu qabatee dhiyaateera.

Teeknooloojiin kun saamunaa ilkaanii kamuu fayyadamuun miidhaa tokko otuu hin qaqqabsiisiin tajaajiluu ni danda’ama jedhame.

Kanaan dura dhaabbanni oomisha Oraal-B fi Koolgaat rigaa ilkaanii gabaaf kan dhiyeessan yoo ta’u gatiin Doolaara Ameerikaa 100 hanga 180 bu’eefi ture.

haata’uuti, Teeknooloojii haara Y-Brush oomisha ajaa’ibaa ta’uurraan kan ka’e gatiin Doolaara 125 bu’eef xiqqaa ta’uu himameera.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.