Fana: At a Speed of Life!

Z Teeleegraaf dhimma Ityoophiyaarratti gabaasa dogoggoraa dhiyeessurraa akka of qusatu gaafatame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC)- Z Teeleegraaf dhimma Ityoophiyaarratti gabaasa dogoggoraa dhiyeessuu itti fufuu fi gochaasaa akanaarraa akka of qusatuu gaafatameera.

Gaazixichi  bareeffamaa ‘Muummee Ministira Abiy Ahimad midhaanni deeggarsa gara Ityoophiyaa akka hin seenneef dhaadataan’ jechuun bareessera.

Haasaa Muummichi Ministira hin dubbannee dabsuun itti yaadamee kan qophaa’ee barreeffamaa sobaa ta’uun isaa qulqulleessi ragaa labsii yeroo ariifachiisaa mirkaneesseera.

MM Abiy Ahimad kan dubbataan biyyi keenyaa Ityoophiyaan oomisha qonnaatin akka of dandeessuu fi qamadiin oomishuun kadhaa qamadii keessaa akka batuu abdii qaban kan itti ibsanii malee, deeggarsa biyyaa alaarraa lammiileef dhufuu hin fudhannuu kan hin jenne ta’u qulqulleessi ragaa labsii yeroo ariifachiisaa hubachiiseera.

Z Teeleegraaf gaabaasicha  irra deebiin gamaggamuu akka qabuu fi sadarkaa gaazexeessummaa akka guutuu gaafatamuu qaba jedhameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.