Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp gara hojiitti deebi’uuf qophii ta’uu ogeessonni fayyaa himan

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gara hojiitti deebi’uuf qophii ta’uusanii ogeessonni fayyaa himaniiru.

Tiraamp tibba darbe vaayrasii koroonaatin qabamuun hospitaala galuun isaanii ni yaadatama.

Yeroo amma kana hordooffi yaala isaanii xumuruun hospitaala bahaniiru.

Gara hojiitti akka debi’aan ogeessonni fayyaa dhuunfa isaanii dubbataniiru.

Preezdaantichi mallattoo vaayrasicha agarsiisa akka hin jirres dubbataniiru.

Yaata’uu malee Tiraamp har’a qorannoo vaayrasii koroonaa taasisu akka danda’an himaniiru.

Tiraamp kaleessa wal morkii preezdaantuumma viidiyoo koonfiraansi marsaa 2ffaa Joo Baayidaan waliin akka taasisaniif gaafatamaniis fedhii akka hin qabne ibsaniit turan.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.