Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp hariiroo biyyattiin Dhaabba Fayyaa Addunyaa waliin qabdu adda kutuusaanii ibsan

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hariiroo biyyattiin Dhaabba Fayyaa Addunyaa waliin qabdu adda kutuusaanii ibsaniiru.

Preezdaantichi Dhaabba Fayyaa AddunyaaBeejiing weerara vaayrasii koroonaa to’achuu dhabuusheetiif tarkaanfii fudhachuu dhabeera jechuun himatu.

“Chaayinaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa to’annaashee jala galfatteetti,” jechaas bahan preezdaant Tiraamp.

Waashingitan deeggrsa maallaqaa dhaabbata kanaaf kennitu kana booda qaamolee biraatiif dabarsitee kennuufi.

Ameerikaan biyya kophaashee dhaabbatichaaf maallaqa guddaa kennituudha.

Bara Faranjoota 2019 doolaara miiliyoona 400 dhaabbatichaaf gumaachiteetti.

Preezdaant Tiraamp Ameerikaatti weerara kana to’achuu dhabuusheetiif namni jalqaba qeeqan isaani. Isaanis yeroo hedduuf weerara kana to’achuu dhabuuf Chaayinaa qeeqaa turan.

Ameerikaa keessatti namoonni 102,000 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru.

Kunis biyyoota addunyaarraa lakkoofsa namoota du’anii qabaachuudhaan biyyattiin tokkoffaa akka taatu taasiseera.

Maddi: – BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.