Fana: At a Speed of Life!

Tiraampii fi Baayidan duula na filadhaa preezdaantummaa taasisan falmii kallatti kaleessa galgalaan eegalaniiru

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC) – Tiraampii fi Baayidan duula na filadhaa preezdaantummaa taasisan falmii kallatti kaleessa galgalaan eegalaniiru.

Falmichis halkan darbe kan gaggeefame yoo ta’u, kutaa biyyaa Ohaayoo Kiivilaandii keessatti gaggeefame.

Falmichaanis akkuma eegame, Tiraampii fi dorgomaa isaa Baayidan jidduutti falmii cimaatu gaggeefame.

Tiraamp nama falmicha keessummeessu osoo hin hafiin dhaabuun ana qofaa dhagahaa jechuu baayyisanii ture.

Haaluma kanaanis Baayidan preezdaant Tiraampiin, ”Taatoo kofalchiisaa” jechuun ”afaan kee qabadhu” ittiin jedhaniiru.

Tiraamp ammoo himannaa waa’ee qoricha sammuu addoochatti fayyadamuu dorgomaa isaa kaasuun himatan.

Yaada walitti qabdoonis Baayidan Tiraamp caalaa qabxiin dursaa akka jiran mulisan.

Haata’u malees, filannichaaf guyyoonni 35 qofti kan hafee yoo ta’u, qorannoo bulchiinsoota hedduutti gaggeefameen dorgommii walitti dhiyaate ta’u mullisa.

Falmiin kaleessaa kunis mata dureewwan gurguddaa jaha irratti daqiiqawwan 15 qoqqoodamuufiin kan gaggeeffame ture.

Qabxiiwwan kunneenis: eenyummaa kaadhimamtootaa, waa’ee Mana Murtii Olaanaa, waa’ee weeraraa vaayrasii koroonaa, waa’ee sanyummaa, walabummaa filannoo fi waa’ee dinagdee irratti kan xiyyeefate ture.

Haaluma kanaanis gaheessa waggaa 77 kan ta’an Baayidan nama umuriin isaa waggaa 74 ta’e Tiraampiin, “Ati preezdaantota Ameerikaan qabaachaa turte keessaa isa badaadha,” ittiin jedhan.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.