Fana: At a Speed of Life!

To’attoota bobbii imalaa fi itti gaafatamtoota damichaa 350’rratti tarkaanfiin fudhatame-EGO

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)- Oromiyaatti geejjibarratti imaltootaa kanneen dhamaatiif saaxilan to’attoota bobbii imalaa fi itti gaafatamtoota damichaa 35’rratti tarkaanfiin fudhatamuu Eejensiin Geejjibaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Ejensichaa Obbo Daani’eel Charinnat akka ibsanitti, konkolaattota fayyadamtootaa deeggarsa boba’aa ta’anii fi sarara ramadamanirraa dhabamuun imaltoota dhamaasan kuma 2 fi 800 ol irrattis tarkaanfiin fudhatamuu himan.

Tarkaanfii fudhatameenis Birriin miiliyoona 17 ol mootummaaf galii ta’uun eerameera.

Dabalataan deeggarsa boba’aa taasifama ture addaan kutuurraa eegalee tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamaniiru jedhan.

Ejensichatti Daayrektarri Mirkaneessa Nageenyaa Tiraafikaa Obbo Alamuu Lammaa gama isaaniin buufataalee konkolaataa fi bobbii irratti hawaasa imalaarratti rakkoon dhaamaasuu akka mul’atu himan.

Ejensichi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Karroota seensaa fi ba’umsaa shanan dabalatee godinaale naannichaa hundatti to’annoo cimaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Ejensichi baatiiwwan shanan darbanitti sadarkaa biiroorraa hanga buufata konkolaataatti konkolaachistoota waliin qindoomuun mata’aa, hojmata badaa fi gochaalee seeraan alaa keessatti kanneen hirmaatan to’attoota bobbii imalaa fi itti gaafatamtoota hojii damichaa 350 irratti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.