Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa cimsuuf tajaajila tola ooltummaa fayyadamuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Tajaajila Tola ooltummaa Gannaa bifa Tokkummaa cimsuun itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa Obbo Umad Ujuluun ibsan.

Obbo Ujuuluun hojiilee tajaajila tola ooltummaa Gannaan hojiilee Biiroo Barnootaa, Aadaa fi Turizimii, Faayinaansii, Qonnaa fi dhaabbilee biroon hojjetaman daawwataniiru.

Hojiileen tajaajila lammummaa tokkummaa biyyaalessaa fi hariiroo ummataa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Manneen harka qalleeyyii haaromsuun, Qulqullinni naannoo, Dhaabbiin Biqiltuu, barattoota harka qalleeyyii deeggaruu fi kanneen biroo dhimmoota tajaajila tolaan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiran ta’uu eeruu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.