Fana: At a Speed of Life!

Torban dhufuu kaasee zayinni nyaataa liitirri miliyoonaa 4 ol hawaasaaf raabsama jedhame

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Simannaa bara haaraaf haqinni meeshaalee bu’uuraa akka hinmudannee fi torban dhufu irraa kaasee zayinni nyaataa liitirri miliyoonaa 4 ol hawaasaaf akka raabsamu Biiroon Misooma Gabaa fi Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Misoomaa Gabaa fi Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Goshii torban dhufu irraa kaasee zayinni nyaataa liitirri miliyoonaa 4 ol warshaalee biyyaa keessaan hawasaaf kan dhiyaatu ta’uu himuun, zayinni kunis yeroo ammaa eejjantootaa fi raabsoota bira gahuus eeran.

Tarkaanfii mootummaan gabaa meeshaalee bu’uuraa tasgabbeessuuf fudhateen, abboottii qabeenyaa hirmaachisuun qaala’iinsi gatii zayitaa mudatee ture tasgabbaa’aa jiraachuu himaniiru.

Kana malees, haqinni sukkaraa akka hinmudane Koorporeshinii sukkaraa waliin dhiyeessi irratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bara haaraa dhufaa jiru simachuuf haqinni dhiyeessii meeshaalee, kuduraa fi muduraa, bu’awwan loonii fi kanneen biroo akka hinmudane gama koree tasgabbii gabaa hundaa’een hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Hawaasni wayiita bittaa fi gurgurtaa raawwatu giddugaloota gabaa fi gabaa Sanbatatti gatii madalawaan bitachuu akka qaban dhaamaniiru.

Naannichatti gabaa sanbataa 25 fi gidduugaloonni gabaa 5tti meeshaaleen bu’uraa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuun ibsameera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.