Fana: At a Speed of Life!

Torban tokko keessatti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Torban tokko keessatti meeshaaleen Kontiroobaandii garaagaraa Birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamamu too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise.
Eebila 7 -14,2013tti to’annoo fi hordoffii taasiifameen meeshaaleen garaagaraa Birrii miiliyoona 30 fi kuma dhibba 2 fi kuma 27 fi 549tti tilmaamamu to’atamuu ibsameera.
Uffataleen, meeshaaleen Elektirooniksii, Qorichoonni, shaqaxaaleen nyaataa, Kosmootiiksii, Meeshaaleen jijjiirraama qaama konkolaataa fi meeshaalee waraanaa garaagaraa alaa seeraana ala galuuf ture birrii miiliyoona 25 fi kuma dhibba 8 fi kuma 65 fi 213 baasaan to’annoo fi sakattoo taasiifameen torbee tokko keessatti to’atamuu ministeerichi beeksiiseera.
Doolaara Ameerikaa dabalatee maallaqni biyyoota garaagaaraa, Baalli sammuu namaa adoochuu fi Bunni gara alaatti seeraan ala ba’uuf ture Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 3 fi kuma 62 fi 336tti tilmaamamus to’atamuu himameera.
Konkolaattoota 21 dabalatee namoonni dhuunfaan 2 sosochii seeraan alaa kana waliin shakkamaan to’atamuun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.