Fana: At a Speed of Life!

Tuurk loltootashee gara Liibiyaatti erguu eegalte

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) – Tuurk loltootashee gara Liibiyaatti erguu eegalte.

Preezdaantiin Tuurk Reeship Taayip Erdoogaan murtee paarlamaan biyyatti dabarseen walqabatee loltootaa gara Liibiyaatti akka ergaan beeksisaan.

Ergamni loltoota gara liibiyaatti imalanii dhaabbata mootummoota gamtoomaniin kan deeggaramu bulchiinsa mootummaa Tirippoolii deeggaruun nageenyaa fi tasgabbii buusuuf jedhame.

Bekkamtii idila addunyaa kan qabu mootummaan Tirippoolii teessoo isaa Baha Liibiyaa kan godhate waraana Jeneraal Kaliifaa Haftaar waliin waraana cimaa gaggeessaa jira.

Jeneraal Haftaar mootummaa Gibtsii fi Emereetoota Araba Gamtoomanii kan deeggaramu yoo ta’u, bulchiinsi Tirippoolii dhaabbata mootummoota gamtoomaniin deeggaramu ammoo Tuurkii fi Kuwaatar ni deeggaru.

Gareen Jeneraal Haftaariin deeggaramu yeroo ammaa kana Tirippoolii to’achuuf carraaqqi taasisa jira.

Maddi:- BBC

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.