Fana: At a Speed of Life!

Utubaalee badhaadhinaa dhugomsuuf beekumsi meeshaa ijoodha-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Utubaalee badhaadhinaa keenya dhugoomsuuf barnoonnii fi beekumsi meeshaalee murteessoo ta’uu, Sadarkaa Ministiraatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa fi Siivikii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simeen himan.

Gamaaggamni raawwii karoora 2014 fi karoora bara 2015 qindeessitoota deeggarsaa fi hordoffii barnootaa olaanoo Dirree Dawaatti gaggeeffamaa jira

Waltajjicharratti Dooktar Alamuu Simee, utubaaleen badhaadhinaa guutummaatti dhugoomsuuf barnoonnii fi beekumsi meeshaa murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis dhaabbileen barnoota olaanoo naannawaa baruu fi barsiisuu nagaa uumuu qabu jedhaniiru.

Biyyattiin qormaata mudateen ceetee gara bantii badhaadhinaa akka qaqqabdu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hanqinaalee jiran gamaaggamuun, karoorri bara 2015 milkaa’inaan akka hojiirraa ooluuf kallatti fuulduraa ni kaa’u eegama jedhameera.

Marichi guyyoota lamaaf kan turu ta’uun eerameera.

Iyyoonaadaab Anduwaalamtu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.