Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasi koroonaa waliin walqabatee daldaltoota shaqaxootarratti daballii gatii taasisan 188 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti vaayrasi koroonaa waliin walqabatee daldaltoota shaqaxootarratti daballii gatii taasisan 188 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Vaayrasii koroonaa waliin walqabtee daldaltoota shaqaxootarraii daballii gatii taasisaan 188 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa Finfinnee beeksise.

Hogganaan Biiroo Daldalaa Finfinnee obbo Abdulfattaa Yasuuf akka ibsanitti kutaalee magaalaa hundatti koree daballii gatii shaqaxootarrii ta’u hordofu hundaa’eera.

Sakkata’insa korichi kaleessa taasiseen dhaabbilee daldalaa 188 shaqaxoota garagaraarratti daballi gatii taasisan argachuu isaanii ibsaniiru.

Korichi daldaltoota daballii gatii taasisaan hordofuu, to’achuu fi balleessanii wayita argaman ammoo tarkaanfii seeraa fi bulchiinsa akka fudhatan himaniiru.

Hawaasni shaqaxootarratti daballiin gatii yoo isaan muudate lakkoofsa bilbilaa 0118545815 yookin  0118 548397 eeruu laachuun dirqama lammummaa akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.