Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ilaalchisee qaamoolee miidiyaalee hawasummaan odeeffannoo sobaa tatamsaan irratti tarkaanfiin ni fudhatama

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Vaayrasii koroonaa ilaalchisee qaamoolee miidiyaalee hawasummaan odeeffannoo sobaa tatamsaan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhame.

Vaayrasii koroonaa ilaalchisee qaamoolee miidiyaalee hawasummaan odeeffannoo sobaa tatamsaan irratti mootummaan tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu itti gaafatamaan Seekreetariiyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa FDRI obbo Nigusuu Xilahuun dubbataniiru.

Obbo Nigusuu Xilahuun Faanaa Broodkaastiing Korpooreetif akka himanitti, mootummaan dhimmoota vaayrasii koroonaan walqabaturratti odeeffannoo wayitaawaa fi sirrii yeroo yeroon hawaasaan ga’uuf ni hojjeta jedhan.

Yaa ta’uutii, qaamooleen dhuunfaa tokko tokko miidiyaalee hawaasummaan odeeffaannoo dogongoraa tatamsaasuun ummata burjaajjessaa akka jiran irra ga’ameera jedhan.

Qaamoolee odeeffaannoo sobaan hawaasaa miidhaa diinagdee, hawaasummaa fi xinsammuuf saaxilaa jiranirratti mootummaan tarkaanfii seeraa ni fudhata jedhan obbo Nigusuun.

Hawaasnis odeeffannoo sirrii fi waayitaawaa dhimmichaan walqabatu gama Ministeera Fayyaa fi Inistiityuutii Fayyaa Hawaasan darbu qofa hordofuu akka qabu dhaamaniiru.

Qaamooleen odeeffannoo sobaa tatamsaan gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Obbo Nigusuun mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachus ibsaniiru.

Ummannis qajeelfamaa fi gorsa dhaabbilee fayyaa fi ogeeyyiin darbu fudhachuun vaayrasicha ittisuuf ga’ee isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.