Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasiin koroonaa akka hin banne akeekame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Dhaabbata Fayyaa Adduunyaatti daayreektarri yaala dhibee tasa Dooktar Miikee Reyaan,vayrasichi yoom akka baduu raaguurraa of qusataniiru.

Dhabbanni Mootummoota Gamtoomaniis gama isaatiin, weerarichi dhiphinaa fi dhukkuubbi sammuuf sabaaba ni ta’a jedhera.

Vaayrasiin HIV hanga ammaatti addunyaa kanarraa hin dhabamne yaata’u,  malee haalaa vaayrasichaa baruufi to’achuun danda’ameera jedhan Dooktar Reyaan.

Dhibee kamiyyuu yeroo itti baduu tilmaamaan ka’uuf abdii hin qabu jedhaniiru.

Hanga ammattiis talaalloota 100 ta’an irratti qorannoon taasifama jira yaa ta’u malee,vaayrasii koroonaa to’achuuf tattaaaffii olaanaan ni barbaachisa jedhaniiru.

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedros Adahanoom gama isaaniitin, ammas qorannoon taasifamuu cimee yoo itti fufee vaayrasichaa to’achuun akka danda’amuu ibsaniiru.

‘Carrichi harka keenyarra jira, kuni dhimma nama hundaati’ kan jedhan Dooktar Teediroos, ‘vaayrasichaa dhaabuuf hundi keenya shooraa keenya ba’u qabna’ jedhaniiru.

Wayita amma kanas addunyaarratti vaayrasichi namoota miiliyoona 4.3 irratti kan argamee yoo ta’u, namoonni kuma dhibba 2 fi kuma 97 ol ammoo lubbuun darbeera.

Addunyaarrattis namoonni miiliyoonni 1.5 ammoo warreen vaayrasicharra dandamataniidha.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.