Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Eegumsa Fayyaa godina Jimmaa bakka hoggantoonni naannoo fi godina argamanitti eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)- Waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa bakka hoggantoonni naannoo fi godina argamanitti eebbifameera.

Waajjirichi duraan mooraa yuunvarsitii Jimmaa keessa kan ture yoo ta’u, sana boodas waajjira dullomaa keessatti hojii fayyaa hawaasaa eegsisuu raawwataa ture.

Waajjirichi baasii Birrii miiliyoona 10 oliin ijarramee jedhameera.

Itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa godina Jimmaa obbo Yesuuf Shaaroo waajjirri haaraan harra eebifamee hojjattoota waajjirichaaf haala mijaataa uumuun kaka’umsa hojii akka itti uumu dubbataniiru.

Bulchaan bulchiinsa godina Jimmaa obbo Abdulhakim Mulu hojjattootni waajjirichaa waajjira hojiif mijaahaa hin taane keessa taa’anii fayyaa ummata godinichaa eegsiisuuf hojii hojjetaa turaniif galateeffataniiru.

Hojjattoonni waajjirichaa haala mijaahaa amma uumametti fayyadamuun kutannoon hawaasa isaanii akka tajaajila waamicha dabarsaniiru.

Waajjirri eegumsa fayyaa godina Jimmaa aanoolee 21 keessatti hojjettoota kuma 4 fi dhibba 6fi 9n hojii fayyaa hawaasa godinichaa eegsisu raawwachaa jira.

Muktaar Xahaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.