Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri  Preezdaantii FDRI fi dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Waajjirri Preezdaantii FDRI fi dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisaniiru.

Waajjirichi Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 fi kuma dhibba 2 taasiseera.

Bifuma walfakkaatuun mootummaan naannoo Sidaamaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 60 ol taasisuu ibsameera.

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa fi dhaabbanni namni namaaf jedhamu lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 17 fi miiliyoona 9tti tilmaamamu taasisuu ibsameera.

Maddi:- Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Waajjira Kantibaa magaalaa Dirree Dawaa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.