Fana: At a Speed of Life!

Waamicha nageenyaa kanneen gufachiisanirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamu cimee itti fufa-TKM

Finfinnee, Mudde 20, 2016 (FBC)- Qaamolee Waamicha nageenyaa mootummaan taasise gufachiisuuf tattaaffii taasisanirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan fudhatu cimee kan iti fufu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi haala yeroo waliigalaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ibsicha kan kennan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun akka jedhanitti, naannolee rakkoon nageenyaa mudatee turetti hojiilee hojjetamaniin nageenyi fooyya’aan mirkanaa’aa jira.

Naannoo Amaarratti garee fiinxaaleyyiin rakkoo nageenyaa mudate Raayyaan Ittisaa Biyyaa hawaasaa waliin ta’uun tarkaanfii fudhateen humnootaa kaneen dadhabsiisuu fi irraa jireessa naannichatti nageenyaa foyya’aan akka mirkanaa’u taasisuu himaniiru.

Waamicha nageeyaa hidhattoota naannichatti socho’aniif taasifameen hedduun isaanii harka kennachuun gara giddugalaa leenjii seenaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa nageenyaa naannichaa fooyyessuurraa gara mirkaneessuutti ce’amaa akka jirus himaniiru.

Qaamoleen gaaffii qaban karaa nagaa fi waltajjii mijatuun gaaffii isaanii dhiyeeffachuu akka danda’an ibsanii, ammallee balballii nageenya mootummaa banaadha jedhan.

Hidhattoota naannolee akka Gaambeellaa, Beenishaangulgumuz waliin mariin gaggeeffamuun waliigalteerraa akka taa ga’aameen naannawaalee kanneenitti nagaa fi tasgabbii mirkanaa’aa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Naannoo Oromiyaattis mariin Shanee waliin marsaa lamaa taasifamee waliigaltee malee akka goolabamee himanii, dhimmoonni adeemsarra jiran rakkoolee garichi uumaa jiruun waliigalteen nageenyaa bu’aa qabeessa ta’uu akka hindandeenya taasiseera jedhan.

Ammallee mootummaan nageenyaaf kutannoo akka qabu argisiisuu kaasanii, tarkaanfiilee mootummaan itti gaafatamaa heeraa bahachuuf fudhatu kanneen faallessan fudhatama akka hinqabne hubachiisaniiru.

Qaamoleen hunduu nageenya waaraa mirkaneessuuf tumsa taasisan cimsuu akka qabanis dhaamaniiru.

Waamicha nageenyaa taasifamu tooftaa garaagaraatiin gufachiisuuf qaamolee tattaffatanirratti mootmmaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatu cimsee kan itti fufu ta’uu Dooktar Laggasaan akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.