Fana: At a Speed of Life!

Waggaa sadaffaa Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahmad itti muudaman Finfinnee hoteela Sharaatanitti mariin kabajame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC) – Waggaa sadaffaa Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahmad itti muudaman Finfinnee hoteela Sharaatanitti mariin kabajameera.

Bitootteessa 24 bara 2010 guyyaa  Dooktar Abiy Ahmad aangootti dhufan as, jijjiramoota jiranii fi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti waraqaan qorannoo Dooktar Birhaanuu Leenjisootin  dhihaate irratti  mari’atameera.

Dooktar Abiy  gara aangooti dhufuu jijjirama damee siyaasaa , hawaas-dionagdee fi dippiloomaasii biyyatti foyyeessuuf hojiin hojjatamee abdii jijjiiramaaf bu’uura kaa’eera jedhame.

Diree dimookraasi babal’isuuf carraaqin taasifamus, yaada foyya’aan tarkaanfachurratti ammas foyya’iinsa barbaada jedhame.

Waggaa muraasa kana keessatti jijjiirama hunda eegura obsaan isa bori waloon hojjachuun gahee hunda keenyaa tahuu qabaa jedhan itti aantuun preeziaantii fi qindeessituun kilaastara magaalota naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saani.

Hanqinootni furamanii jijjiiramni foyyeen akka galmaa’uuf rakkoowwan nageenyaa furuurratti xiyyeeffannoo addaatin  hojjetamu akka qabus hirmaattoonni saganticha ibsaniiru.

Sagantaa  kabaja waggaa 3ffaa Muummee Ministiraa aangootti dhufani akka Oromiyaatti Kabajame kanarratti, qondaaltootni mootummaa federaalaafi naannoo , abbootiin amantaafi abbootiin Gadaa ,ogeeyyootni garagaraafi qaamoleen hawaasaa hirmaataniru.

Biyya yaada foyyeen ijaaramte itti fufsisuuf, rakkinootafi garaagartee yaada  mariin furuun murteessa tahuus hirmaattootni sagantichaa ibsaniru.

Bitootteessa 24 bara 2010 guyyaa  Dr. Abiy Ahimad aangootti dhufan as, jijjiramoota jiraniifi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti waraqaan qorannoo Dooktar Birhaanuu Leenjisootin  dhihaate irratti  mari’atameera.

Diree dimookraasi babal’isuuf carraaqin taasifamus, yaada foyya’aan tarkaanfachurratti ammas foyya’iinsa barbaada jedhame.

Waggaa muraasa kana keessatti jijjiirama hunda eegura obsaan isa bori waloon hojjechuun gahee hunda keenyaa tahuu qabaa jedhan itti aantuun preezdaantii fi qindeessituun kilaastara magaalotaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin.

Hanqinoo nni furamanii jijjiiramni foyyeen akka galmaa’uuf rakkowwaan nageenyaa furuurratti xiyyeeffannoo addaatin  hojjatamu akka qabus hirmaattootni saganticha ibsaniiru.

Biyya yaada foyyeen ijaaramte itti fufsisuuf, rakkinootafi garaagartee yaada  mariin furuun murteessa tahuus hirmaattootni sagantichaa ibsaniru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.