Fana: At a Speed of Life!

Waggoota 3f sagantaan hanqina nyaataa furuurratti hojjetu ifoome

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Fandiin Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) fi Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) Ityoophiyaatti rakkoo hanqina nyaataa daa’immanii fi haawwanii furu sagantaa waloo ifoomsan.
 
Sagantichi aanaalee biyyattii 100 fi manneen barnootaa 600 keessatti hojiirra kan oolu ta’a.
 
Sagantaan rakkoo anqina nyaataa furuu kun waggoota 3f hojiirra kan ooludha.
 
Sagantichaan hanqina nyaataa daa’immanii fi haawwanii furuudhan cinaatti, dhiyeessii nyaataa manneen barnootaa fi tajaajila fayyaa fooyyessuuf ni hojjetama.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaa, weearara awwaannisaa fi rakkoo haala qilleensaatin mudatu dandamachuuf sagantichi ni hojjeta.
 
Barana namoonni miiliyoonni 4.4; kana keessaa namoonni miiliyoonni 2.7 daa’imman, 1.7 ammoo haadholiin harma hoosisanii fi ulfi deeggarsa midhaan nyaataa fi nyaata madaalawaa barbaadu.
 
Sagantaan deeggarsa nyaataa kun aanaalee 100 naannoo Afaar, Oromiyaa, Amaaraa, Kibba, Somaalee fi Tigraayitti hojiirra kan oolu ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.