Fana: At a Speed of Life!

Waggootan shanan dhufan keessatti Oromiyaa hawwattuu turizimii filatamtuu gochuuf hojjanna: Koomishinii Turizimii Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) –Hojjettootni Komishinii Turizimii Oromiyaa qabeenyaawwanii turizimii misoomsuuf sochii mootummaan gochaa jiru humna guutuun deeggaruuf kutachuu himan.
Sagantaa #dhiyaana_biyyaaf mindaa isaanii ji’a tokkoo gumaachuuf waadaa galan.
Hojjettootni komishinichaa kana kan jedhan wayita gabaasa raawwii hojii komishinichaa kan ji’oottan shanan darban irratti marii geggeessanitti.
Komishinariin Komishinii Turizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaan hojjettoota komishinichaaf sagantaa biyyoolessaa kana ilaalchisee ibsa kennaniin Komishinichi bu’uura dambii 211/2012tiin kaabineen Mootummaa Naannoo Oromiyaa raggaaseen ergama “Oromiyaa hawwattuu turizimii ishee filatamtuu gochuu” jedhuun hundaa’uun Adoolessa 01/2012 irraa kaasee gara hojiitti kan seene ta’uu isaa yaadachiisaniiru.
Komishinichi bu’aawwan turizimiin diinagdee guddisuu, maqaa gaarii ijaaruu akkasumas nageenyaa fi tasgabbii uumuu keessatti qabu sadarkaa naannoo fi biyyaatti ol guddisuuf gara hojiitti galee kaayyeeffachuun yeroo gabaabaa keessatti sochiiwwan gurguddoo taasisuu isaa Aadde Laliseen ibsaniiru.
Kanneen keessaas iddoowwan hawwata turizimii naanichatti kallattiiwwan hundumaa jiran qorachuun kallattii kan keewwate yoo ta’u, waggoota shanan dhufan keessatti oromiyaa hawwattuu turizimii filatamtuu gochuuf qorannoowwan adeemsifaman irraa galteewwan gurguddoo arganneerra jedhaniiru.
Itti aansuunis sagantaa #dhiyaana_biyyaaf jedhurratti hirmaannnan hojjettootni komishinichaa gochuu danda’an irratti mariin geggeeffameera. Xiyyeeffannoo mootummaan seektara turiizimiitiif kenneen qabeenyaawwan turizimii hedduu biyyattiin qabdu keessaa Haroo Wancii, Koyishaa fi Gorgoraan xiyyeeffannaa argatanii misoomsamuuf toorarra jiraachuun ni beekama.
Misooma bakkeewwan hawwata turiizimii kanneeniif qabeenya walitti sassaabuuf sagantaan #dhiyaana_biyyaaf jedhu kan beeksifame yoo ta’u, qaamoleen garaagaraas irratti hirmaataa jiraachuun eerameera.
Komishiniin Turizimii Oromiyaas hojjettoota isaa waliin akkaataa hirmaannaan taasifamuu danda’urratti marii geggeesseen, hojjattoonni mindaa isaanii ji’a tokkoo kan bara baajataa 2013 keessatti citu sagantaa #dhiyaana_biyyaaf gumaachuuf waliigalaniiru. Bakkeewwan hawwataalee turizimii naannichaa misoomsuu kaka’umsaa fi fedhii guddaa waan qabaniif beekumsa, ogummaa fi muuxannoo qaban maraan sektaricha guddisuuf waadaa galaniiru.
Kaayyoo eebbifamaa kanarratti hirmaachuun dirqama lammummaa qofa osoo hin taane akka qooda fudhattootaa fi hojjettoota sektara turizimiitti kan isaan irraa eegamu ta’uu akka hubatanis dubbataniiru.
Komishinar Laliseenis kaka’umsaa fi fedhii hojjettootni agarsiisan dinqisiifatanii sagantaalee misoomaa gurguddoo akkasii irratti hirmaachuun dhaloota dhufuuf galaa amansiisaa ol kaawwachuu waan ta’eef qaamoleen biroos hirmaachuu akka qaban yaadachiisuu isaanii Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanneerra.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.