Fana: At a Speed of Life!

Waldaalee diinagdee cimsuun lammilee hojii barbaaduuf biyya hambaatti godaanuun rakkoof saaxilaman baraaruun ni danda’ama – Obbo Araarsoo Biqilaa

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Waldaalee diinagdee cimsuun lammilee hojii barbaaduuf biyya hambaatti godaanuun rakkoof saaxilaman baraaruun kan danda’amu ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa obbo Araarsoo Biqilaa ibsan.

Waldaan Jirraa Humna Oomishaa fi Gaaddisa Gaanfa Afikaa yaa’ii hundeeffamaa isaa gaggeesseera.

Yaa’ii hundeeffama Waldaa Jirraa Humna Oomishaa fi Gaaddisa Gaanfa Afrikaa Giddugala Aadaa Oromootti gaggeeffame kanaan, karooraa waldichaa fi seera ittiin bulmaataa irratti mari’atameera .

kaayyoon waldichaa diingdee Oromoo,diingdee biyyaa fi diinagdee Gaanfa Afrikaa utubuu ta’ii walitti qabaan waldichaa dargaggoo Rabbirraa Leenjisaa ibseera.

Waldichi hojiiwwan daldala waliigalaa, ijaarsaa,riil isteetii,albuudoota,barnoota,fayyaa,aartii fi hojii waldichaa hinfaalleessine hunda irratti kan hojjetu ta’uu dargaggoo Rabbirraan ibseera.

Saganticharratti kan argaman Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa obbo Araarsoo Biqilaan gamasaaniin, waldaan diinagdee sochii diinagdee cimsuuf kaka’uumsa dargaggootaan hundeeffamuun isaa jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Waldaalee diinagdee cimsuun lammilee hojii barbaachaaf jecha biyya alaatti godaanuun rakkoof saaxilaman baraaruuf ga’ee guddaa waan qabuuf, hayyoonni fi ogeeyyiin garaagaraa irratti hirmaachuun waldicha cimsuu akka qaban dhaamuu isaanii OBN gabaaseera

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.