Fana: At a Speed of Life!

Waldaalee fi Daldaltoota oomishaalee dhoksanirratti to’annoon ni taasifama jedhame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015 (FBC) – Waldaalee Hojii Gamtaa fi dhaabbilee Daldaltoota oomisha dhoksanirratti to’annoo fi hordoffiin kan taasifamu ta’uu Itti Aanaan Kantibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbay ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuuf koree qindaa’aa tasgabbii gabaa hundeessuun hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Ayyaanota waggaa yeroo itti aanaan kabajaman sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanne koree tasgabbii gabaa waliin har’a mari’atameera.

Ayyaana Hiikaa fi Iid Al Faxir sababeeffachuun daballiin gatii seeraan alaa,daddabarsi oomishaalee fi kuufama oomishaalee seeraan alaa ittisuuf korichi xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu himameera.

Oomishaalee Indaastirii baay’inaan dhiyeessuun hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne hojjetamaa jiraachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.