Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qaxxaamuraa Diimaa Ityoophiyaa fi Koreen Qaxxaamura Diimaa Addunyaa waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona 212 olii mallaatteessan

Finfinnee, Amajjii 25, 2015 (FBC)- Waldaan Qaxxaamuraa Diimaa Ityoophiyaa fi Koreen Qaxxaamura Diimaa Addunyaa waliigaltee walta’iinsaa gama lameenii bara baajataa 2023 mallatteessaniiru.

Waliigaltechas Barreessaa Olaana Waldaa Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa Obbo Geetaachoo Taa’ii fi Ityoophiyaatti Itti Gaafatamaan Jilli Koree Qaxxaamura Diimaa Addunyaa Nikoolaas Arkiis mallatteessaniiru.

Waliigalteen walta’iinsichaa naannawaa walitti bu’iinsaaf saaxilaman, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay fi beenishaangul Gumuzitti deeggarsa namoomaa waliiga’uuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Bu’uura waliigaltechaan bara Faranjootaa 2023’tti maallaqaa calla Birrii miiliyoona 212 fi kuma 493 akkasumas deeggarsaa meeshaalee Birrii miiliyoona 44 akka taasifamu eerameera.

Obbo Geetaachoo Taa’ii , walta’iinsichi dandeetii waldichaa gama maraan ijaaruuf, hojiilee misoomaa tumsuu fi namoota walitti bu’iisaan miidhaman dandamachiisuuf hojiilee eegalaman sadarkaa barbaadameen saffisiisuuf kan dandeessisu ta’uu eeran.

Waldichi guutuu biyyattiitti lammiilee balaa waraanaa fi umamaaf saaxilaamaniif deeggarsa namoomaa taasisuu fi walitti bu’iinsa jiruu furuuf tattaaffi taasifamuuf gumaachaa olaanaa akka qabaatu himaniiru.

Ityoophiyaatti Itti Gaafatamaan Jila Koree Qaxxaamuraa Dimaaa Addunyaa Nikoolaas Voon Arkiis gama isaaniin, waliigaltechi deeggarsa namoomaaf deebii kennuuf gahee olaanaa akka qabu himaniiru.

Bu’uura waliigaltechaatiin dhimmoota akka waraanaa, hongee fi kanneen biroon walqabatee lammiilee midhaaf saaxilamaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbachuu ragaan waldicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.