Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin idilee Mana Maree Ministiroota IGAD 48ffaan Kaartumitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC)- Walga’iin idilee Mana Maree Ministiroota Dhaabbata Misoomaa Mootummootaa Baha Afrikaa (IGAD) 48ffaan Kaartumitti gaggeeffamaa jira.

Sirna baniinasa walga’ichaarratti Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo, nageenyii fi tasgabbiin gaanfichatti akka mirkanaa’uuf IGAD gahee olaanaa bahachaa jira jedhan.

Waliigalteen nageenyaa Ityoophiyaatti dhiyeenya mallatteeffames argisiiftuu kanaatii ibsan.

Dooktar Warqinaan dabalataan akka ibsanitti, jijjiirama qabeenya qilleensaa, hongee, ilbiisotaa fi balaawwan lolaa ittisuuf akkasumaas wabii nyaataa mirkaneessuuf gufuuwwan jiran hambisuu fi deebii kennuuf biyyoota miseensotaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Walga’icharratti hirmaachaa kan jiran Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, nageenyii fi tasgabbiin naannawichaaf faayidaa olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Ityoophiyaan qormaata keessa wayita turtettis biyyoonni miseensota IGAD deeggarsa walirraa hincinnee taasisaniif galateeffataniiru.

Walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa biyyattii furuuf waliigalamuun rakkoolee naannawichaa fi kanneen biroof furmaanni Afrikaa jiraachuu kan barsiisuudha jedhan.

Yaaddoo jijjiirama qabeenyaa qilleensaan jiruu ibsanii, kana furuufis biyyoonni miseensotaa fi dhaabbileen tumsitootaa qindoominaan akka hojjetan gaafachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.