Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin idilee ministiroota IGAD 48ffaan xumurame

Fifninnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC)- Sudaan Kaartuumitti gaggeeffamaa kan ture walga’iin idilee Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) 48ffaan xumurameera.

Walga’ichi gabaasa Barreessan Olaanaa Dhaabbatichaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon dhiyeessan raggaasisuun xumurameera.

Manni maree ministirootaa IGAD naannawichaatti rakkoolee nageenyaa fi tasgabbii akkasumaas dhimmoota namoomaarratti mudatan furuuf hojiilee hojjete dinqisiifateera.

Kana malees gahee walitti bu’iinsaa Kaaba Ityoophiyaa nagaan furuuf waliigaltee mallateeffame keessatti gahee isaa bahchuuf adeemsa deemame dinqisiifateera.

Ministiroonni sochii namootaa walabaa ilaalchisuun pirotokoliiwwan dhiyaatan mallateessaniiru.

Biyyoonni miseensotaa rifoormii fi fooyya’iinsa dhaabbatummaa Dhaabbanni Misooma Mootummootaa Baha Afrikaa taasisaa jiruuf miseensonni gahee gama isaanii akka bahata waamichaa dhiyeessuu ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.