Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin kallattii koreen vaayrasi koroonaa ittisuuf hundaa’e kaa’een ala akka hin gaggeeffamne Paartiin Badhaadhinaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) –Walga’iin kallattii koreen vaayrasi koroonaa (COVID-19) ittisuuf hundaa’e kaa’een ala akka hin gaggeeffamne Paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Hogganaan Qunnamtii Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa obbo Awwaluu Abdii ibsa har’a laataniin leenjii hoggantoota gadi aaanaa marsaa sadaffaa paartichi qopheessee sababa vaayrasichaan akkataa barbaadameen gaggeeffamaa akka hin jirre ibsaniiru.

Naannoo leenjichi eegaletti fageenya kallatti  koreen ittisa vaayrasi koroonaan kaa’een bayyinni namoota hir’atee akkasumaas guyyoota muraasa keessatti akka gaggeeffamu himaniiru.

Haata’uuti, naannoo tokko tokkotti namoota baayyina qabaniin leenjichi gaggeeffama jiraachu kan kaasan obbo Awwaluun tatamsa’ina vaayrasichaa yaada keessa galchuun tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatameera jedhan.

Leenjichi gaaffii hawaasaa deebisuu fi vaayrasi koroonaa ittisuurratti akka mari’atanii fi walgahii hundarratti ogeeyyiin fayyaa dhiyeenyatti hordoffii akka taasisanii fi  of eeggannoon cimaan akka gaggeeffamu himaniiru.

Haabtaamuu Taklasilaasseetu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.