Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee Ityoophiyaa fi Saawdii Arabiyaatin baatiiwwan saddeettan darbanitti hojjettoonni kumni 11 ol keessummeeffamaniiru

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC)- Waliigaltee Ityoophiyaa fi Saawdii Arabiyaatin baatiiwwan saddeettan darbanitti hojjettoonni manaa kumni 11 ol keessummeeffamaniiru.
 
Saawdii Arabiyaatti Ambaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa Abdulaaziiz Ahimad akka beeksisanitti, baatiiwwan saddeettan darbanitti hojjettoonni kumni 11 ol keessummeeffamaniiru.
 
Ambaasaaddarichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, hojjettoota ragaalee isaanii dhiyeeffatan keessaa irra jireessi hojii eegalaniiru.
 
Fedhii hojii jirurratti hundaa’uun carraa hojii dabalataa uumuuf ni hojjetamas jedhaniiru.
 
Hojjettoonni amma ammaatti ergaman leenjii kan fudhatanii fi seera qabeessan kan ergaman waan ta’aniif rakkoon akka isaan hin mudatinis eeraniiru.
 
Daddabarsa namota seeran alaa ittisuu fi to’achuufis qaamolee dhimmi isaan ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu Silaabbaat Maannaayyee ambaasaaddaricha dubbisuun gabaasera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.