Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen hojii hidhaa fi jallisii Kaaliid Dijoo Birrii biiliyoona 1.9 mallatteeffame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Waliigalteen hojii proojaktii hidhaa fi jallisii Kaaliid Dijoo Birrii biiliyoona 1.9 ijaarramu mallatteeffame.
 
Proojaktichi naannoo Kibbaa godina Silxee aanaa Dullachaa, laga Dijoo irratti ijaarrama.
 
Waliigaltichis bakka ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa, koomiishinarri Koomiishinii Misooma Jallisii Dooktar Mikaa’eel Mahaarii fi hoji raawwachiisaa olaanaan Dhaabbata Ijaarsa Hojiilee Bishaanii Kibbaa obbo Eeliyaas turoo fi qondaaltonni biroon dhimmi isaan ilaallatu argamanitti mallatteeffameera.
 
Dheerinni proojaktichaa meetira 1731 yoo ta’u, ol ka’iinsa meetira 25.5 qaba.
 
Proojaktichi baasii Birrii biiliyoona 1.9; Dhaabbata Ijaarsa Hojiilee Bishaanii Kibbaatin ijaarrama.
 
Proojaktichi ijaarramee yammuu xumuramu lafa heektaara 1,100 misoomsuun qonnaan bultoota 2,200 fayyadamoo taasisuu danda’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.