Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltich Nageenyaa fi badhaadhina Ityoophiyaaf bu’uura kaa’a – Raashiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Raashiyaan Waliigalteen nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame nageenyaa fi badhaadhina Ityoophiyaaf bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsite.

Waliigaltichi Ityoophiyaanoota gidduutti araarri akka bu’u murteessaa ta’uu waliigaltee qaamolee lamaan gidduutti taasiifame ilaalchisee ibsa laatteen himteerti.

Embaasiin Raashiyaa Finfinneetti argamu ibsa baaseen Waliigalteen Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame naannoolee sababa waraanichaan miidhaman deebisanii dhaabuuf qooda olaanaa qabaachuu eereera.

Ityoophiyaannoonni nageenya mirkaneessuun Badhaadhina akka argatan bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu ibsuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Raashiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.