Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Sudaan bulchiinsa Daarfuur Lixaatti ummameen lubbuun namoota 129 darbuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – walitti bu’iinsaa nammota lama irraa ka’een Sudaan Lixa Daarfuriitti namoonni 129 ajjeefamuu fi namoonni 198 ammoo madaa’uu ibsameera.

Walitti bu’iinsa Samabata darbe magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti namoota lama gidduutti eegalameen hanga ammaatti namoonni 129 ajjeeffamuu himameera.

Walitti bu’iinsichi buufata Baqattootaa magaalaa guddoo Daarfuur El Geneina keessatti uumame.

Namoonni lama, gosa arabaa fi biroo waliin wal-loluun inni arabaa wayita albeedhaan waraanamee ajjeefamu dubbiin ka’e haalaan babal’achuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera.

Walitti bu’iinsa kana booda yeroon sochii uummataa daanga’eera, Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook garee rakkicha qoratu garas erganiiru.

Walitti bu’iinsa kanaan hanga ammaatti namoonni 198 madaa’aniiru.

Wayita Oomar Hasan al-Bashir preezdaantiin turan walitti bu’iinsa uumameen namoonni kuma dhibba 3 ta’an ajjeefamanii kanneen miiliyoona lamaa fi walakkaa ta’an ammoo qe’eerraa buqqa’aniiru.

Maddi:- CGTN Africa

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

  1. Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.