Fana: At a Speed of Life!

Waljijjiirraan Aadaa fi afaanii Ityoophiyaa fi Chaayinaa hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf gumaachaa olaanaa qaba- Amb. Zhaa’oo Zhiyowaan

Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Waljijjiirraan Aadaa fi afaanii Ityoophiyaa fi Chaayinaa hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf gumaachaa olaanaa akka qabu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaa’oo Zhiyowaan eeran.

Ityoophiyaan dandeettii Afaan Chaayinaa fooyyessuuf sadarkaa yuunivarsiitiitti Ityoophiyaanota qorannoo gaggeessan akkasumas barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaarraa baba’an waltajjiilee garaagaraatti hojiilee garagaraa Afaan Chaayinaan dhiyeessnaiiru.

Waltajjicharratti haasawaan Afaan Chaayinaan, muuziqaa Afaan Chaayinaa fi ispoortii akkasumas argisiisi garaagaraa dhiyaateera.
Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiyuwaan, waljijjiirraan aadaa fi Afaan Chaayinaa hariiroo hawaasaa biyyoota lameenii ijaaruuf barbaachisaa ta’uu dubbatan.

Dargaggoonni Ityoophiyaa fi Chaayinaas itti gaafatama seena qabeessa itti kenname akka bahatan amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Waljijjiirraan aadaa fi Afaan Chaayinaa hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu eeraniiru.

Biyyoonni lameen tumsa damee diinagdeen qaban sadarkaa caalutti guddachaa dhufuu himaniiru.

Waltajjicharratti dippilomaatota Chaayinaa, qondaaltonni hojii Ministeera Barnootaa, Ministeera Hojii fi Ogummaa akkasumas Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.