Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin ijaarsaa hogganoota Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Waltajjiin ijaarsaa hogganoota Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee gaggeeffamuu eegaleera.
Waltajjichi Sanada ‘Filatamuun jijjiirramanii biyya jijjiirudha’ jedhurratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee kaayyoo fi faayidaa waltajjichaa ilaalchisee hirmaatootaaf ibsa taasiisaniiru.
Ijaarsi adeemsa Hoggansaa yeroo ammaa eegalame hoggantoonni Paartichaa yaada qulqullaa’aa qabatanii akka ba’aniif gargaara jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alem gama isaaniin kaayyoo olaanaan waltajjichaa hoggansa ijaaruuf ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaarraa argame ni muul’isa.
Badhaadhinni filannoon kan argate injifannoo osoo hin taane carraa ummata tajaajiluu ta’uu ibsaniiru.
Imaanaa tajaajiltummaa kana ga’umsaan ba’uuf ga’umsi hoggansaa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.