Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii waggaa 4ffaa ‘UNESCO’tti galmaa’uu Sirni Gadaa xumurame

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Waltajjiin marii waggaa 4ffaa ‘UNESCO’tti galmaa’uu Sirni Gadaa xumurameera.
Waltajjiin marii waggaa 4ffaa ‘UNESCO’tti galmaa’uu sirnichaa ilaachisuun walta’iinsa Biiroo Aadaa Tuurizimii Oromiyaa, Yuunvarsiitii Bulee Horaa fi bulchiinsa godina Gujii Lixaatiin kan qophaa’ee.
Waltajjiichi kaleessaarra jalqabee Yuunvarsiitii Bulee Horaatti geggeeffamaa ture har’a sagantaalee agarsiisa sadarkaalee jila Gadaa Gujii, meeshaalee fi nyaata aadaa akkasumas kalaqaalee hojii garagaraafi galma Abbaa Gadaatiin xumurameera.
Xumura sagantaa kanarratti Godinni Gujii Lixaa keessummoota adda addaa uffannaa aadaa kan badhaase yoo ta’u, sagantichi eebba Abbootii Gadaatiin banamee eebbaan xumurameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.