Fana: At a Speed of Life!

Waqtii Arfaasaa dhufu roobni idilee fi idilee gadii ni eegama – Eejansicha

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) –Waqtii Arfaasaa dhufu naannawaa fayyadamoo rooba biyyatti hedduu irratti roobni idilee fi idilee gadii jiraachuu akka danda’u Eejansiin Meetiyorooloojii Biyyaalessaa beeksise.
Eejansichatti daayreektarri qunnamtii ummataa fi kominikeeshinii obbo Ahimadin Abdulkariim Waqtii Arfaasaa dhufu biyyattitti naannawaa fayyadamoo rooba hedduu irratti roobni idilee fi idilee gadi ni eegama.
Kanaafis sababni waqtii Arfaasaa dhufu garbi Paasifik idileedhaan gadi qorruu fi garbi kaaba Hindii haala qilleensa idilee waliin dhiibbaa walfakkatu jala turuu waan danda’uuf ta’uu ibsaniiru.
Naannoon Kaaba – Baha biyyatti qilleensa gogaa jala turuu akka danda’u daayrekatarichi eeraniiru.
Dabalataan, naannoo Kibbaa fi Kibba- Baha rooba idilee fi idilee gadii argachuu akka danda’an himaniiru.
Naannoowwan walakkaa Lixaa biyyattii rooba idilee fi idilee ol akkasumaas giddugaleessii fi Kibbi ammoo rooba idilee argachuu akka danada’an ibsaniiru.
Gama biraan naannoowwan biyyatti gammoojjii Kaaba Lixaa, Kaaba Baha, Baha, Kibbaa fi Kibba Lixaa irratti hammi ho’ina olaanaan idileedhan ol galmaa’uu akka danda’u eeraniiru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.