Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Niwukilaraa jijjiirama qabeenya qilleensaa caalaa hamaa miti – Antoonii Bilinkeen

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC) – Waraanni Niwukilaraa jijjiirama qabeenya qilleensaa caalaa hamaa miti jedhan Ministirri Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkeen.

Jijjiiramni Qabeenyaa qilleensaa addunyaaf qormaata guddaa ta’aa dhufuu Antoonii Biliinkeen turtii kaleessa Teeleeviizyiin Awustiraaliyaa sagantaa daqiiqaa 60 irratti taasiisaniin ibsaniiru.

Waraana Raashiyaa fi Yuukreen dabalatee iddoolee tokko tokkotti walitti bu’iinsi dhala namaaf qormaata ta’an jiraatanis akka jijjiirama qabeenya qilleensaa ummata addunyaaf qormaata hamaa hin taane jedhan.

Hoo’insa olaanaa Ardii Awurooppaa muudate hordofee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii hamma gadi lakkifama Kaarbanii hir’isuuf tarkaanfiin ariifachiisaan fudhatamuu akka qabu waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

Hamma gadi lakkifama Kaarbanii hir’isuuf sirni Qonnaa addunyaa sirreeffamuu akka qabu ergamaan Addaa Jijjiirama qabeenya Qilleensaa Ameerikaa Joon Keeriin gaafachuu RT gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.