Fana: At a Speed of Life!

Waxabajjii 2014 eegalee mootummaan Birrii biiliyoona 9.8 deeggarsa boba’aaf taasiseera-Ministeericha

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Baatii Waxabajjii 2014 eegalee mootummaan Birrii biiliyoona 9.8 deeggarsa boba’aaf taasisuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Sadarkaa biyyaalessaatti sirna kaffaltii boba’aa konkolaattotaa gara sirna kaffaltii elektirooniksiitti galchuuf waltajjiin marii Magaalaa Bishooftuuttti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeerichaa Gabiramasqal Caalaa, gabaan Boba’aa imaammataan deeggaramee hojiirra ooluu erga eegalee as bu’aa gaariin argamuu ibsaniiru.

Hojimaatichi imaammataan deeggaramee Waxabajjii 2014 eegalamuun dura bittaa fi gurgurtaan boba’aa rakkoo fi idaaf saaxilamaa turuu yaadachiisaniiru.

Sirni deeggarsa boba’aa imaammataan deeggaramee hojiirra ooluu erga eegalee adeemsichi rakkoolee turan furuu bira darbee iftoomina akka qabaatu taasifamuu dubbataniiru.

Deeggarsa boba’aa mootumman taasisus kutaaleen hawaasaa sadarkaa gadaanaa akka hinmiidhamne taasisuu ibsaniiru.

Sirni deeggarsa boba’aa imaammataan deeggaramuun Waxabajjii 28, 2014 hojiirraa ooluu erga eegalee Birrii biiliyoona 9.8 deeggarsa taasisuu eeraniiru.

Kanaanis, konkolaattonni minibaasii fi miidbaasiin Birrii biiliyoona 8.2 fayyadamtoota ta’uu ibsanii, sirni deeggarsa boba’aa yaadames galma qabame ga’aa jiraachuu himaniiru.

Sirni gabaa boba’aa elektirooniksii hojiirraa oolfamuun sochii kontirobaandii damechaa kan dhaabsisee fi bittaa fi gurgurtaa buufataalee boba’aan ala gaggeeffamanii kan hambise ta’uu eeraniiru.

Sirna elektirooniksiin bittaa fi gurgurtaa boba’aa Finfinneetti sadarkaa yaaliin hojiirra oolfamuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.