Fana: At a Speed of Life!

Wayita Tsooma Ramadaanaa jaalala,walgargaaruu fi waliif yaaduun dabarsuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Tsooma Ramadaanaa jaalala,walgargaaruu fi waliif yaaduun dabarsuun barbaachisaa ta’uun Preezdaantiin Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis dubbataniiru.
Preezdaantiin Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis ibsa har’a laataniin Tsooma Ramadaanaa jaalalaan, waliif yaaduun, walgargaaruu fi waltumsuun dabarsuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Yakkaa fi badiirraa of qusachuun laphee qulqulluun gara waaqatti dhiyaachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ajjeechaa fi buqqaatii lammiilee iddoolee garaagaraatti raawwatamaa jiru balaaleeffataniiru.
Mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu nageenya lammiilee eegsiisuuf itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.
Tokkummaa fi nageenyaaf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabus Preezdaantiin Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muftii Umar Indiriis dhaamaniiru.
Maahileet Taklabirihaantu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.