Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo taasiisuun Sosochiiwwan Ispoortii kan eegalaman ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo taasiisuun Sosochiiwwan Ispoortii kan eegalaman ta’uu Koomishiniin Ispoortii FDRI beeksise.
 
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI guyyaa kaleessa dhorkama sosochiiwwan Ispoortirra kaa’amee ture kaaseera.
 
Itti aanaan Koomishinara Koomishinii Ispoortii FDRI obbo Duubee Jiloon sosochiiwwan Ispoortii eeyyamamuu ilaalchisuun ibsa laataniiru.
 
Weeraricha ittisuuf of eeggannoo barbaachisu taasisuun sosochiiwwan Ispoortii iddoo turetti deebisuuf muuxxannoowwan idil addunyaarra argamaniin kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
 
Haala qabatamaa biyyattii ilaalcha keessa galchuun wixinee qajeelfama sosochii Ispoortii qophaa’erratti qaamoolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’atamu himaniiru.
 
Qaama ilaallatuuf eeyyamni akka laatamus dhiyaachuu ibsaniiru.
 
Sosochiiwwan osoo hin eegalamin dura maloota weeraricha ittisuuf gargaaraniif xiyyeeffannoo laachuun barbaachisaa ta’uu obbo Duubeen himaniiru.
 
Waldaaleen Ispoortii biyyaalessaa wayita sosochii eegalan Koomishinichii fi Ministeerri Fayyaa qajeelfamichi hojiitti hiikkamuu isaa hordoffii barbaachisu kan taasisan ta’uu ibsaniiru.
 
Koreen biyyaalessaa, Fayyaa fi Nageenyaa dhaabbachuun too’annoo fi hordofii barbaachisun ni taasisu jedhan.
 
Naannoolee fi bulchiinsa magaaloottis koreen dhaabbachuun too’annoo kan taasisu ta’uu ragaan Koomishinicharraa argame ni muul’isa.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf jecha leenjii dabalatee sosochiiwwan Ispoortii hundi dhaabbachuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.