Fana: At a Speed of Life!

Wixinee labsii manneen murtii seera aadaa naannoo Oromiyaa hundeessuuf dhihaateerratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Manni murtii waliigalaa Oromiyaa wixinee labsii manneen murtii seera aadaa naannoo Oromiyaa hundeessuuf dhihaatee irratti mari’atamaa jiraachuu ibsameera.

Maricharratti Af Yaa’in Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo fi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamaniiru.

Aadde Loomiin, ,mana murtii aadaa hundeessuun hawaasni naannoo isaatti seera aadaa fi duudhaa hawaasaatin tajaajila haqaa qabeessaa fi si’ataa ta’ee akka argatu ni gargaara jedhaniiru.

Kana cinaattis haqaa dhaqqabamaa gochuufi aadaa fi duudhaa akkasumaas guddina Afaan Oromootiifis gumaacha olaanaa qabaachuus himaniiru.

Wixinee labsii dhihaatee keessattis manni murtii aadaa kun gandoota hunda irratti kan hunda’uu yoo ta’u, aannaalee irratti ammoo ol iyyannoodhaaf manni murtii aadaa aanaalee irratti kan hundaa’uu ta’uutu ibsameera.

Manni murtii aadaa kunnis abbootii-seeraa sadi qabaa jedhameera.

Abbootiin murtii kunniinis bulchaa gandaa fi ummataan kan filatamaniidha jedhame.

Ulaagaaleen filannoos nama umriin isaa 40 hanga 80 giddu jiru, aadaa fi safuu haawaasa kan beekuu ,jiraataa gandaa sani kan tahee , diinagdeen kan of danda’ee, hojjetaa mootummaa kan hin taanee fi rakkoo fayyaa sammuu kan hin qabne ta’uus ibsameera.

Akka gabaasa OBNtti Wixinee kunis mariin erga gabbate booda Caffee Oromiyaatiif dhihaatee ragga’uun hojiirra oolaan eegama.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.