Fana: At a Speed of Life!

Wixineen Seeraa HR6600 Ityoophiyaatti jeequmsa kan fiduu fi tattaaffii nageenyaa buusuu kan gufachiisudha-Proofeesar Joon Abiink

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Wixineen Seeraa HR6600 koongransii Ameerikaan dhiyaate Ityoophiyaatti jeequmsa kan fiduu, tattaaffii nageenyaa buusuu kan gufachiisuu fi guddina sirna diimokiraasii kan quucarsu  ta’uu Proofeesar Joon Abiink ibsan.

Wixinichi kaayyoo Ityoophiyaatti tasgabbii, nageenyaa fi diimokiraasii mirkaneessuu jedhu qabaatus qabatamaatti bu’aan isaa faallaa kanaa ta’uu Yuunvarsiitii Landanitti Barsiisaan Siyaasaa fi Bulchiinsa Afrikaa Joon Abiink eeraniiru.

Barreessitoonni wixinichaa wixinicha namoota ABUT waliin ta’uun waan barreessan fakkaata jechuun ibsaniiru.

Proofeesar Joon Abiink barreeffama Za Ameerikaan Koonsarvaatiiv irratti barreessaniin  gochaawwan gareen shorokeessaa ABUT qaqqabsiise bal’inaan addeessaniiru.

Kongiransichi Ityoophiyaa tasgabbooftuu fi diimokiraatofte arguu barbaada yoo ta’e adeemsa madaalawaa hordofuu akka qabuu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.