Fana: At a Speed of Life!

WMOn mana Barumsaa Bultii Addaa  Adaamaatti barattoota qormaata kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasa kenne

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC)- Waldaan Misooma Oromiyaa  barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa  Adaamaatti,bara barnoota 2012 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeessaniif beekkamtiifi badhaasa kenne.

Barattoonni kunniin bilbila taabileetii, koompitara laabtooppii badhaafamaniiru.

Hoggaanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo barattoota kanneeniin baga gammadan jechuuniiru.

Bara kanaa barattoota akka Oromiyaatti qabxii seensaa yuunvarsiitiif 600 ol fidan 125 keessaa 36 barattota Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa ta’uu himaniiru.

Qabxiin barattootaa Naannoo Oromiyaa barana baayyee dabaluu fi  Mootummaan Naannoo Oromiyaas muxannoo argate babaldhisuuf Mana Barnootaa Bultii Addaa 7 ijaarsisee xumuraa akka jiru Dr. Tolaan himaniiru.

Preezdaantiin WMO Obbo Dajanee Itichaa saganticharratti waldichi dhaloota boru biyyatti jijjiran barnoota ammayyaatiin qaruun hojii fakkeenyummaa qabu raawwachaa jiraachuu OBN gabaasera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.