Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon karaa seeran alaa kuufamee ture to’atame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Magaalaa Holataatti Xaa’oon karaa seeran alaa daddabarfamaa ture to’atamuu ibsameera.

Qonnaan bultoonni xaa’oo argachuuf rakkachaa jiraachuu ibsaniiru.

Xaa’oo argachuuf dhamaatii hedduun isaan mudachuu Qonnaan Bultoonni Godina Shawaa Lixaa aanaa walmaraa Fanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Xaa’oo kuntaala tokko Birrii kuma 10n daldalaarraa bituuf dirqamaa jiraachuu eeraniiru.

Xaa’oon qaamolee seeraan alaa harka jiraachuu ibsaniiru.

Guyyaa kaleessaa qofa Xaa’oo kuntaalli 32 ol karaa seeraan alaa kuufamee ture Bulchiinsa Magaalaa Hoolataatti too’atamuu ogeessi callaa guddistuufi bakka bu’aan dursaa garee qabeenya uumamaa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Yaadasaa Nuguseen himaniiru.

Xaa’oon seeraan ala daldalamaa waan jiruuf yeroo ammaa hanga kuma 10nitti gurguramaa jiraachuu Obbo Yaadasaan ibsaniiru.

Hanqina xaa’oon wal qabanii muudatan furuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Yaadasaan eeraniiru.

Hanqina dhiyeessii xaa’oo jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Bulchaan Aanaa Walmaraa Obbo Galaanaa Tuujjoon himaniiru.

Xaa’oo dhiyeessuuf mootummaa Birrii biiliyoona 21 ol deeggarsa taasisuun kan yaadatamuudha.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.