Fana: At a Speed of Life!

Xiyaarri Boeing 737 Max yeroo ammaa nageenyummaansaa mirkana waan ta’eef balaliinsa eegaluu danda’a

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) – Hoogganaan Ejansii Nageenyummaa Aviyeeshinii Awurooppaa (EASA) Paatrik Ky akka himanitti, xiyaarri Boeing 737 Max yeroo ammaa nageenyummaansaa mirkana waan ta’eef balaliinsa eegaluu danda’a.
Akka qondaalli kun jedhanitti dhaabbati isaanii gosa xiyyaaraa kana sakatta’uu fi dizaayinasaa xiinxalee sirreessuuf wanti inni hin raawwanne hin jiru.
Gosti xiyyaaraa Boeing 737 Max kun bara Faranjoota 2019 ture kan hojii dhaabe.
Kunis erga balaawwan suukanneessoo ta’an lama mudachuun lubbuu namoota 346 galaafatameeti.
Xiyyaarri kun yeroo ammaa Yuunayitiid Steetii fi Biraaziil keessatti balaliinsa itti fufuuf haalli hunduu xumurameera.
Jaarmiyaan nageenyummaa aviyeeshinii Awurooppaas xiyyaarri kun ardicha keessatti walakkaa Amajjii dhufuurraa kaasee tajaajila akka eegalu iyyamuuf jira.
Balaan xiyyaara kanaan mudate inni jalqabaa baraFranjoota 2018 wayita xiyyaarri ‘ Lion Air jet’ Indooneezhiyaa keessatti kufuun barbadaa’e ture.
Ji’a afur booda, bara Faranjoota 2019 keessa ammoo Ityoophiyaa keessatti mudate.
Taateewwan lamaan mosaajiin (software) xiyyaarichaa rakkina akka qabuu fi yeroosaa malee hatattamaan gara hojiitti seenuun balaaf kan nama hedduu saaxile ta’uu mirkaneessan.
Balaa Itoophiyaatti mudateen booda Jaarmiyaan Nageenyummaa Aviyeeshinii Awurooppaa akkuma Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa Yuunayitiid Steet, gadi taa’ee sakatta’uu eegale.
Sakatta’iinsii fi qorannoon gaggeeffame taateewwan lameen mudatan qofarratti kan murtaa’ee miti kan jedhan Paatrik Ky, garuma fuulduraattuu akkaataa nageenyummaansaa yoomiyyuu mirkanaa’aa ta’utti dizaayinasaa sakatta’uun sirreessuu dubbatan.
ajaajila guutuutti deebi’uun yoo barbaachise, xiyyaaronni duraan turan mosaajii (software) kompiyuutaraa haaraadhaan dabaalamuu qabu jedhan qondaalli kun.
Paayilatonnis leenjii barbaachisaa dirqama fudhachuun jalqaba xiyyaara kanaan walbaruu qabu jedhan.
Fooyya’iinsa xiyyaara kanarratti taasifame itti baruuf leenjiin bu’uuraa kennamee paayileetonni dursa shaakaluu qabu jedhu.
Boeing mosaajii (software) xiyaarichaa irra deebiin fooyyessuu isaa irra deddeebiin kaasaa ture.
Ameerikaanis xiyyaara kana hojii eegalsiisuuf haaldureewwan walfakkaatoo keesseetti.
Haala kanaan xiyyaarri kun hojii eegaluu danda’a, nageenyummaansaas mirkanaa’aa jedhan Paatrik Ky.
Maddi:BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.