Fana: At a Speed of Life!

Xiyyeeffannoon qonnaaf kenname qulqullina oomisha daldala alaarratti bu’aa argamsiisuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015(FBC)- Xiyyeeffannoon addaa damee qonnaaf kenname qulqullinaafi dhiyeessaa oomisha daldala alaarratti bu’aa argamsiisuu Waldaan Ergitoota Midhaan Dheedhiifi Zayitaa Ityoophiyaa beeksise.

Walitti qabaan Boordii waldichaa obbo Siisaay Asmaraa, dadammaqinni damichaa ergitootaaf carraa gaarii uumuu ibsuun, hanga oomishaa olaanaa gabaa alaaf dhiyeessuun gabaa isaanii akka guddisaniif shoora olaanaa ba’achaa jiraachuu eeraniiru.

Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa waliin ta’uun waldichi saliixii meetirik toonii kuma dhibba 2 fi kuma 30 gabaa alaaf dhiyeessuuf qophiirra jiraachuu dubbataniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Konfedereeshinii Gabaa Midhaan Zayitaa Idil Addunyaa Dubaay Reendii Daakuureet gamasaaniin, Ityoophiyaan xiyyeeffannoo addaa damee qonnaaf kenniteen oomishaalee qonnaa qulqullina qaban gabaa addunyaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Midhaan Dheedhiifi Zayitaa sharafa alaa argamsiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.