Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Addaa Hoggantoota IGAD Keeniyaatti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Yaa’iin Addaa Hoggantoota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 39ffaan Keeniyaa Naayiroobitti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’iin addaa hoggantoota dhaabbatichaa kun dhimmoota nageenyaa fi hongee naannicha mudataa jiru haala qolachuun danda’amurratti ni mari’ataan kan eegamu ta’uu ibsameera.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fi jilli isaaniin durfamu yaa’icharratti hirmaachuuf har’a gara Keeniyaa Naayiroobii imaluun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.