Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Amantaalee Idil Addunyaa 14ffaan Dohaatti taa’amuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Yaa’iin amantaalee Idila Addunyaa 14ffaan mata duree “Haasaa jibbiinsaa akkataa barsiisa kitaaba qulqulluu fi amantaatiin” jedhuun Kuwaataar Dohaatti taa’amuu eegaleera.
Barreessaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Luba Taagaay Taaddalaa fi Kuwaataaritti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Faayisal Aliyyiin Ityoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa jiraachuu isaanii ibsameera.
Yaa’icharratti hayyoonni biyyoota garagaraa muuxannoo waljijjiiruu fi qorannoo garagaraa ni dhiyeessu jedhamee eegama jedhan Lubni Taagaay Taaddalaan.
Yaa’ichi guyyaa boriis kan itti fufu yoo ta’u, xumura yaa’ichaatiin haasaa jibbiinsaa irratti dhaabbileen amantaa idila addunyaa waliigaltee waliinii fi ejjennoo tokko ni qabaatuun eegama jedhameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.