Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Idil-addunyaa 2ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Ebla 7, 2016 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Idil-addunyaa 2ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icha irratti abbootiin amantaa biyyoota gara garaa irraa dhufan, hawaasni diiploomaasii fi qorattootni damichaa hirmaataa jiru.
Yaa’ii Qopheessummaa Gamtaa Afriikaan gaggeeffamu kanarratti biyyootni 37 hirmaataa jiru.
Yaa’ichi har’aa fi boru gaggeeffama jedhame.
Nageenyaa fi misooma mirkaneessuu, kabaja mirga namoomaa eeguu, Eegumsa naannoo, haasawa jibbiinsaa ittisuu fi dhimmoota biroo sadarkaa Ardii fi Addunyaatti mul’atan haala hambsiisuun danda’amurarratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jiraachuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.