Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa ejjennoo baase

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Yaa’iin dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa haala waqtaawaa biyyattii yeroo ammaa ilaalchisee ibsa ejjennoo baaseera.
Yaa’ichi walaba ta’us gochaa birmadummaa biyyaa fi tokkummaa ummataa miidhanirratti obsa kan hin qabaanne ta’uu kaa’eera.
Walitti bu’iinsi akka hin uumamne abbootiin amantaa irra deddeebiin tattaafii taasiisanis sababa of tuulummaa garee shororkeessaa ABUTtiin osoo hin milkaa’iin hafuu ibseera.
Walitti bu’iinsa biyyattiitti uumameen lubbuun lammiilee hedduu baduu, manneen amantaa fi qabeenyi barbadaa’uu waamichii fi ibsi ejjennoo gama yaa’ichaan abbootii amantaa olaanoorraa dhiyaate ibseera.
Faayidaa biyyaalessaa itti fufiinsa qabuu fi Birmadummaa biyyaaf lammiileen Ityoophiyaa hundi murannoon akka dhaabbatan, dhaabbilee fi miidiyaaleen idil addunyaa olola biyya diiguu gaggeessaa jiranirra akka of qusatan waamicha dhiyeesseera.
Ibsi ejjennoo kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii,Dhaabbilee falmitoota mirga namoomaa idil addunyaa, Imbaasiiwwanii, dhaabbilee amantaalee idil addunyaa fi dhaabbilee afaanootaa garaagaraaf kan ergamu ta’uu himeera.
Firihiyiwat Saffiitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.